ONM-ABO Amajjii 1, 2024
Maqaa gibira kaffaluu diddan jedhuun kutaalee Oromiyaa cufa keessaa ilmaan Oromoo irratti dararaa hamaa raawwachaa kan jiran lukkeeleen bilxiginnaa, godina Jimmaa aanaalee adda addaa irraa bakka gibira hawaasni kaffaluu dadhabeetti qabeenya keessan gurgurtanii maaliif kaffaluu diddan jedhuun horii hawaasaa qabanii mooraa mataa isaaniitti hidhaa jiraachuun ibsame.
Godina Jimmaa aanaa Saqqaa Coqorsaa hunda irratti gibira da’oo godhatanii qarshii hedduu hawaasa irratti fe’uun baay’inaan walitti guurrataa kan jiran lukkeeleen Bilxiginnaa “gibira bineeldotatti kaffaluu diddan” jechuun jiraattota hedduu jalaa loon isaanii mooraa dhuunfaa isaaniitti hidhuun hawaasa dararaa jiraachuu maddeen itti dhiheenyaan beekan ONM’tti himanii jiru.
Aanaa Sarboottis bifuma walfakkaatuun sababa gatiin gibiraa dabaleef jecha gandoota aanichaa hunda irraa abbootiin warraa kaffaltii gibiraa humnaa ol irratti murame waan fidanii kaffalan dhabuun jalaa yoo miliqan, haadha warraa isaanii immoo baay’inaan daa’imman irraa qabanii “abbaan warraa keessan dhufanii gatii gibiraa sinitti murtaa’e kaffalanii isin haa baasan” jechuun dubartoota hedduu kanneen ammaaf maqaan isaanii adda hin baane hidhaatti darbatanii dararaa jiraachuu itti dabaluun ibsanii jiru.
