• Tue. Nov 24th, 2026

ABO-WBO’n miseensota Waraana Bilisummaa Oromoo Haarawaa Zoonii Lixaatti Eebbisiise

Jan 2, 2025

ONM-ABO Amajjii 2, 2025 

Dhaabni ABO-WBO qabsoo bilisummaa Oromoo diinni seenaa taasisee darbuuf ka’e ofitti fudhatee dirree irraa hidhannoon itti fufsiisuuf qaqqaaliiwwan ilmaan Oromoo dhiiraa fi dhalasn leenjii waraanummaa fi siyaasaa kenneefii humna diinaa loluuf bobbaasuu itti fufee jira.

Haaluma kanaan Amajjii 1, 2025 Guyyaa WBO fi Jijjiirraa Bara Haaraa irratti miseensota haarawaa leenjii siyaasaa fi waraanummaa, dirree irratti tooftaa lolaa fi ga’umsa qaamaa qabu akkasumas caayaatti barruulee adda addaa: Heeraa, Seera, Amaloota Warraaqsaa, Sagantaa Siyaasaa, Seenaa Oromoo fi kkf walitti fufiinsaan yeroo dheeraaf kennaafii ture sirna hoo’aan eebbisiisee xumursiisuu hoogganaan mooraa leenjii Waraana Bilisummaa Oromoo Zoonii Lixaa Jaal Falmii Tufaa ibsaniiru.

Eebbi kun maqaa Cichoomina Kaayyoon kan geggeeffame yoo ta’u, yeroon kun yeroo itti qabsaa’otni qabsoo bilisummaa Oromoo akeekaa fi kaayyoo qabsoo bilisummaa Oromoo ganamaa osoo hin jijjiirre dirreetti afanii diina kuffisaa jiran injifannoo boonsaa gonfatanitti ta’uun guyyicha adda godha.

Qondaaltotni Waraana Bilisummaa Oromoo hedduun eebba kana irratti argamuun kan hirmaatan yoo ta’u, guyyichi Guyyaa WBO Amajjii 1 waliin wal irra ooluun miira eebbaa fi eebbifamtootaa haalaan kan oo’ise ta’uu gabaasni achii nu qaqqabe ni addeessa.

Murni Bilxiginnaa WBO balleessuuf maqaa araaraan galaa jiruu fi harka kennatanii dibbee dhaanus, qondaaltotni isaa Jeneraal Biraanuu Juulaa fi Leetinaant Jeneraal Dirribaaa Mokonnon funaanaa jirra, bittinaa’aniiruu, humna loluu irra hin jiranii fi baatii lamaa fi sadii gidduutti balleessina jechuun baatii 5 lakkoofsisaniis ABO-WBO’n loltuu isaa WBO bobbaasuun zooniilee cufa keessatti waraana Abiy Ahimed irraa lolee Dishqaa fi meeshaalee gurguddaa hiikkachaa miseensota haarawaas Zoonii Lixaa dabalatee zooniilee garaa garaa keessatti leenjisee eebbisiisaa jiraachuu gabaasni Hoogganaa Damee Dantaa Waraanaa ABO-WBO Jaal Eebbisaa Raatessaa irraa arganne ni addeessa.

Leave a Reply