• Tue. Nov 24th, 2026

Godina Arsii Bahaa keessatti hidhaaf saamichi murnoota PP’n jiraattota irratti hammate

Jan 4, 2025

ONM-ABO Amajjii 3, 2025 

Hireen ilma namaa hiraarfamuu kan ta’e bara bulchiinsa bilxiginnaa keessa sabni Oromoo dararaa akkaan ulfaataa kan mootummoota abbaa irree impaayerattii duraanii caalaatti keessummeessaa jiraachuun kan beekamuudha.

Yakka tokko malee guyyaa dhufee darbuun miidhaa garaa garaa murnoota PP’n argaa kan oolu uummanni Oromoo ammas goolessitoota Waraana bilxiginnaan jiruu gadadoof saaxilamaa jira.

Muddee 30, 2024 faashistoonni sirnichaa godina Arsii Bahaa aanaa Roobee Didaa ganda Saadiqa tokkummaa iddoo addaa Dirree Wacuu jedhamutti namoota maqaan isaanii: 

  1. Amiin Adam Waariyoo, 
  2. Anuu Adam Kabirii, 
  3. Jaboo Kadir fi 
  4. Maammaa Abdoo Sheekoo jedhaman 

jalaa re’oota tokko tokko jalaa qalachuun shonkooraa fi muuza ooyiruu irraa barbadeessanii deeman.

Kana malees aanaa Muneessaa keessatti namoonni balleessaa tokko malee maqaa WBO deggertuu fi nyaachistuun jumlaan hidhaatti guuramaa jiraachuu maddeen eeran.

Namoota maqaan isaanii: 

  1. Obbo Reedonee Huseen, 
  2. Dammituu Mohaammad, 
  3. Huseen, 
  4. Gammadii Mohaammad, 
  5. Obbo Amaan Tasfaa dabalatee 

namoonni hedduun waajjira poolisii aanichaa keessatti dararamaa jiraachuu jiraattoonni Onichaa dabaluun Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeraniiru.

Leave a Reply