ONM-ABO Amajjii 3, 2025
Godina Lixa Wallaggaa aanaa Baabboo Gambeel ganda Motorraa jedhamu keessaa kaleessa Amajjii 1, 2025 ergamtoonni bilxiginnaa dargaggoo Raamataa Daggafuu jedhamu badii tokko malee rasaasa itti roobsuun haala suukkanneessaa ta’een ajjeesanii gatuun reeffa isaa illee maatii dhorkatanii saree nyaachisanii jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan.
Dargaggoo Raamataan siyaasa kam irraa bilisa ta’uu kan himan maddeen, ergamtoonni sirnichaa ammoo maqaa “hidhata Waraana Bilisummaa Oromoo qabda” jedhuun gara jabina hamaadhaan ajjeechaa suukkanneessaa irratti raawwachuu Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeranii jiru.
Kana malees oduuma ajjeechaan wal qabatuun Amajjii 1, 2025 hidhattoonni murna abbaa irree Bilxiginnaa aanaa Begii, Qondaalaa fi Qellem Wallaggaa aanaa Gidaamiitti sarbamiinsi mirgoota namoomaa raawwachaa turuun namoota sadii kanneen maqaan isaanii;
- Tashaalee Yaadasaa ogeessa fayyaa mana yaaalaa dhuunfaatti banatee kan hojjetu,
- Kamaal Mikaa’el fi
- Waaqjiraa Tasfaa kan jedhaman
naannoo Kollii Carphaa iddoo addaa Doochii jedhamutti gara laafina tokko malee ajjeesanii gatuun beekameera.


