• Fri. Nov 27th, 2026

Godina Lixa Wallaggaa Aanaalee hedduu keessatti waraanni Bilxiginnaa hawaasa nagaa irratti yakkoota gara jabinaa tilmaama hin qabne raawwachuu cimsanii itti fufan

Jan 4, 2025

ONM-ABO Amajjii 3, 2025 

Godina Lixa Wallaggaa aanaa Lataa Sibuu ganda Ilimaayii Somboo jedhamu keessaa torban darbe keessa ergamtoonni sirnichaa nama maqaan isaa Ittaanaa Carraaqaa jedhamu qabeenya inni qabu hunda saamanii mana isaatti ammoo ibidda shidanii barbadeessuun, boodarra ammoo miseensota maatii isaa cufa reebicha ulfaataa qaama laalessu reebuun miidhaa ulfaataaf saaxilanii kan deeman ta’uu maddeen ONM’tti himan.

Ergamtoonni Bilxiginnaa kunneen dararaa isaanii ittuma fufuun, godinuma kana aanaa Baabboo Gambeel ganda Malkaa Eebichaa jedhamu keessatti Amajjii 1, 2025 dargaggoo Hasan Addisuu jedhamu badii tokko malee afaan qawween miillaa fi dugda isaa keessa waraanuun miidhaa qaamaa ulfaataaf yoo saaxilan, dargaggoo kan biroo Jaafar Oliiqaa jedhamus nyaara isaa keessa afaan qawween tumachuun isas miidhaa qaamaa ulfaataaf saaxilanii jiraachuu maddeen itti dabaluun ONM’f eeraniiru.

Akka maddeen himanitti, dargaggoonni kunneen siyaasa kam irraa walaba ta’uu himuun, isaan keessaas dargaggoo Hasaniin ajjeesuuf wayita jedhan loltoonni PP kunneen waliif galuu dadhabuun wal dhibdee keessoo isaaniitti uumameen dhiisanii bakkeetti gatanii deemuu dubbataniiru.

Leave a Reply