ONM-ABO Amajjii 4, 2025
Sabni guddichi aadaa gaarii, duudhaa boonsaa fi hawaasummaan fakkeenya Afrikaanoota ta’e uummanni Oromoo impaayera Itiyoophiyaa keessatti salphina mootummoota abbaa irree bara dhufaa darbaan isa mudatuun gorraa’amee qalamuu, hidhamee qaamaa qalbiin miidhamuu fi saamamee dinagdeen isaa akka laamsha’uuf halkaniif fi guyyaa dabni irratti taasifamaa jira.
Godina Kaaba Shaggar aanaa Kuyyuu ganda Dhayaa Willincoo bakka addaa Biiftii jedhamutti Amajjii 2, 2025 maatii gadda mucaa isaanii ta’aa turan maaliif gadda teessu jechuun faashististootni PP gara mooraa waraanaa isaanii geessuun namoota maqaan isaanii:
- Aadde Kololaa Kabbabaa haadha ilma isheef gadda keessa turte,
- Caaltuu Margaa obboleettii isa du’ee fi
- Wadaraa Munaa jiraataa ollaa maatii kanneenii kan ta’e irraan reebicha ulfaataa ga’uun hidhanii jiraachuun ibsameera.
Akka jiraataan naannoo sanaa tokko Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himetti, lubbuu fi qabeenya akkasumas ilmaan keenyaaf illee yaaddoo hamaa qabna waraanni maafiyaan PP nutti bobbaafamaa jiran cuftuu gara jabummaa guddaa nurratti agarsiisaa jiru jechuunis dabaluun eereera.


