• Wed. Nov 25th, 2026

Magaalaa Dirre Dhawaa keessatti hidhattoonni maafiyaa PP dargaggoo tokko ajjeesuun dhagaa’ame

Jan 5, 2025

ONM-ABO Amajjii 4, 2025 

Sirni badiif wal qindeesse impaayerri Itiyoophiyaa baroota hanga barootaatti  dararaa addaa addaa uummata Oromoo irratti raawwachuu hojiilee idilee taasifachuun yeroo ammaa Bilxiginnaan gochoota qorqalbii uummatichaa cabsan raawwataa jira.

Godina Baha Harargee magaalaa Dirre Dhawaa  keessatti Amajjii 1, 2025 dargaggoo maqaan isaa Muraad Shamsaddiin jedhamu badii tokko malee rasaasa itti roobsuun ajjeesanii bakkee irratti gatuun beekameera.

Geggeessitoonni impaayerattii guyyuu qe’ee uummata Oromootti gaddaa fi bo’icha galchuun uummata nagaan jiraatu mirgoota namummaa sarbanii abjuu abboota isaanii milkeessuuf jabeessanii hojjechaa akka jiran gochoonni Oromiyaa keessatti raawwachaa jiru ni mul’isa.

Akka maddeen keenya bulchiinsa magaalaa Dirre Dhawaa irraa yaada isaanii nuuf qoodan himanitti, waraanni gara jabinaan guutame magaalaa keessatti bobba’uun sarbamiinsa adda addaas hawaasa irratti raawwachuu cimsuu itti dabaluun Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf himaniiru.

Leave a Reply