ONM-ABO Amajjii 6, 2025
Ergamtoonni Bilxiginnaa safuu, eenyummaa fi duudhaa Oromummaa tokko illee kan hin qabnee fi hin kabajne, dhiiraa fi dubartii osoo hin jenne Oromummaa hadheeffatanii morman hawaasa nagaa waan isaan hin qabneen yakkuun hidhaatti guuruu cimsanii itti fufan.
Aanaa Roobee ganda Jeenaa Ulul jedhamu irraa Amajjii 3, 2025 dargaggoota gara magaalaa Karrayyuu jedhamu gabaaf deeman kanneen maqaan isaanii:
- Dinkuree Unsuraa,
- Jibril Shaggaa fi
- Qaasim Unsuraa jedhaman
badii tokko malee “isin hidhata Waraana Bilisummaa Oromoo qabdu” jechuun reebicha hamaa qaama laalessu irraan gahuun hidhaatti darbatanii jiraachuu jiraattonni araddichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan.
Akka maddeen keenya himanitti, dargaggoonni kunneen siyaasa kam keessaa qooda kan hin qabnee fi hawaasa keessatti jaallatamummaa guddaa kanneen qaban ta’uu fi gabaaf gara aanaa Xannaa magaalaa Karrayyuu deemanii kan turan ta’uu himuu, achitti sobaan yakkanii maqaa “hidhata Waraana Bilisummaa Oromoo qabdu” jedhuun hidhaatti darbachuu dubbatan.
