• Tue. Nov 24th, 2026

Godina Lixa Wallaggaa Aanaa Lataa Sibuutti hidhaan loltoota sirnichaan lammiilee nagaa irratti jabaate

Jan 6, 2025

ONM-ABO Amajjii 5, 2025 

Impaayera Itiyoophiyaa keessatti Oromoo ta’anii dhalachuu isaanii qofaaf ilmaan Oromoo guyyuun akka bineensa bosonaatti adamfamuun har’allee yakkoonni garaa garaa irratti raawwatamaa jira.

Aanaa Lataa Sibuu ganda Muraa Waankii keessaa Muddee 30, 2024 dargaggoo Maatii Damusee jedhamu loltoonni sirnichaa balleessaa tokko malee ukkaamsuun hidhaatti darbatanii garmalee hiraarsaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.

Akka maddeen himanitti, dargaggoon kun siyaasa kam keessa kan hin jirre ta’uu himuun, innis dhalataa aanaa Najjoo ganda Somboo Dooraa yoo ta’u, hojii guyyaa hojjetee of jireessuuf jecha gara aanaa Lataa Sibuu kan deeme ta’uu itti dabaluun Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeranii jiru.

Leave a Reply