ONM-ABO Amajjii 6, 2025
Manni murtii Kooriyaa Kibbaa Dilbata kaleessaa mormii prezidaant Yoon Suk ajaja hidhamuu irratti dhiyeessan kuffiseera jedha miidiyaaleen biyya keessaa.
Manni murtii naannoo magaalaa guddoo Sewul keessatti argamu mormii abukaatoon Yoon ajaja hidhaa pirezidaantii aangoo irraa kaafamee irratti kaase kuffiseera jechuun Oduu Yonhap gabaaseera.
Murteen kun kan dhufe gareen seeraa Yoon ajajni isaa akka addaan citu gaafachuun mormii kana Mana Murtii Aanaa Dhiha Sewul’tti erga dhiheessee guyyoota muraasa booda.
Abukaatoon Yoon Yun Gap-geyun murtii mana murtii naannoo sanaa mana murtii olaanoo biyyattii keessaa tokkotti ol’iyyannoo dhiyeessuuf yaadaa akka jiran dubbataniiru.
“Mana Murtii Olaanaatti ol’iyyannoo dhiyeessuu fi dhiisuu ni ilaalla. Hojii irraa ari’amuun (murtiin) ajajni seeraan rogummaa qaba jechuu miti,” jedhan.
Kanaan dura gareen seeraa Yoon ajaja Yoon to’achuuf kenname raawwachuuf yaaluun isaanii itti gaafatamaa Waajjira Qorannoo Malaammaltummaa Qondaaltota Olaanoo fi poolisoota irratti himannaa akka dhiyeessan dubbataniiru.
Jimaata darbe waajjirri malaammaltummaa Yoon to’achuuf yaale garuu humnoonni nageenyaa pirezidaantichaa isaan uggure jechuun BBC’n gabaaseera.

