• Wed. Nov 25th, 2026

Ministeerri Maallaqaa Sudaan hariiroo Turkii waliin qaban cimsuuf kutannoo qaban ibsan

Jan 6, 2025

ONM-ABO Amajjii 6, 2025 

Ministeerri Maallaqaa Sudaan Gibriil Ibraahim mootummaan isaanii hariiroo Turkii waliin sadarkaa hundatti, keessumaa damee dinagdeetiin guddisuuf kutannoo qabaachuu isaa mirkaneessaniiru.

Ibsi kun kan ba’e Ibraahim fi itti aanaa ministeera haajaa alaa Turkii Burhanettiin Duraan gidduutti buufata xiyyaaraa Sudaan keessatti walga’ii taasifame irratti akka ta’e Ministeerri Maallaqaa Sudaan beeksiseera.

Walakkaa waggaa jalqabaa keessatti Koree Ministirootaa waloo waamuun dameewwan anniisaa, qonnaa, daldalaa fi diinagdee biroo irratti tumsa cimsuuf hojjechuun barbaachisaa ta’uu isaa irratti walii galuu isaanii hubachiiseera.

Ibsichi akka jedhetti Ibraahim ”barbaachisummaa hojiin Daandii Qilleensaa Turkii Sudaan keessatti hatattamaan eegaluu” ibsaniiru.

“Gargaarsa namoomaa Turkiin yeroo waraana itti fufee jiru Sudaaniif kenne” galateeffachuun, jalqabbii Turkii Sudaan keessatti nagaa buusuuf taasifte simataniiru.

Mudde 13 pirezidaantiin Turkii Resip xayib Erdogan itti gaafatamaa Mana Maree Abbaa Biyyummaa Sudaan Abdel Fattah al-Burhanitti akka himanitti, Turkiin waldhabdee Sudaanii fi Emiraatota Arabaa gidduu jiru furuufis gidduu seenuun ni danda’ama jedhan jechuun France 24 gabaaseera.

Leave a Reply