ONM-ABO Amajjii 6, 2025
Impaayerri Itiyoophiyaa sirna bittaa diriirsuun beekamtu toora ittiin uummattoota isaan jala jiran ittiin cunqursanii fi ittiin cafaqanii bulchan tarsiimoo baafachaa bulan malee rakkoo uummataa hundeen furuuf fedhii tokkollee kan hin qabne ta’uun beekamaadha.
Yeroo haalli yaaddessaan akkasii impaayerattii yaaddoo guddaa keessa galchee jirutti, pirezidaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa guyyaadhuma balaan kirkira lafaa uumame lammiilee impaayerattii yaaddoof saaxilee jiru kanatti, Amajjii 3, 2025’tti Riizoortii Mandara Afrikaa Kurriftuu eebbisiifna jechuudhaan Magaalaa Shaggar kutaa Magaalaa Malkaa Noonnoo aanaa Beeroo bakka addaa Ashawaa Meedaatti, kaadiroota Federaalaa irraa Abiy Ahimed bakka bu’insaan erge waliin misooma sobaan lammiilee impaayerattii yaaddoo keessa garatti goru wallalee jirutti gurra duuchaa oolanii jiru.
Hojiilee kabeebsii isaanii itti fufuun uummata rakkoo jireenyaa fi qaala’iinsi jireenyaa jireenya itti hadheessee jirutti achi galagaluun Abiy Ahimed Soomaalee magaalaa Jijjigaatti qajeeluun Inisheetiivii maaddiin biyyattiin hojiilee hojjetamaa jiraniin guddina biyyaa utubaa jiru jechuun kijibaan afaan mi’eeffachaa yoo oolu, balaa uumamaa uumameen kanneen qe’ee isaanii irraa sodaa nageenyaaf yaaddoo qaban daandiitti ba’anii rakkachaa jiraniif falli sirriin lafa irratti hojjetamaa jiru kan hin mul’anne ta’uu ragaan achii ba’u ni addeessa.
Abiy Ahimed misooma jal’isii naannoo Godeetti Dargiin eegalamee Mootummaa EPRDF’n xumurame akka waan ofii isaatii eegaleetti qaanii malee yeroo rivaayinii muru, Laggasee Tulluufaa ammoo ibsa balaa kirkira lafaa xalayaa qofaan baasuun obbaafatan.
Mootummaan biyya bulchu tokko lammiilee biyya isaatiif silaa sababa kallattii fi alkallattiidhaan balaa biyyichaatti dhufe qolachuun dirqama isaa ta’us, garuu Bilxiginnaan impaayerattii harkaa qabu furmaataaf carraaquun haa hafuutii sadarkaa haasaatti illee rakkoo saba irra ga’uuf gaddanii hin beekan.
Sababni isaan pirojektii sobaa maqaa misoomaan tolfatanii as bahan kun immoo biyyoota garaa garaa impaayerattiin saffisa misoomaan dabalaa jirti jechuudhaan maallaqa liqeeffachuun achii as deebi’uun ammoo lammiilee rakkoolee siyaasaa isaa Bilxiginnaan furuu didee lola labsee dararaa jirutti dabalataan qawwee butuun duguggaa sanyii jabeessuuf akka ta’e ni beekama.





















