• Wed. Nov 25th, 2026

Godina Kaaba Shaggar keessatti hidhattoonni PP qawwee harkaa qabanitti dhimma ba’uudhaan yakkamtuu fakkeessanii shamarree tokko butanii jiraachuun dhagaa’ame

Jan 7, 2025

ONM-ABO Amajjii 7, 2025 

Sirni impaayera bututtuu suphuuf halkanii fi guyyaa ifaaju Bilxiginnaaan ajjeesuu, hidhuu fi saamuu akka gootummaatti ilaaluun gochoota badii abbootii irree darban irraa dhaales daran babal’isuun uummata Oromoo ba’aa fi gala dhorkuu cimsee itti fufeera.

.

Godina Kaaba Shaggar aanaa Kuyyuu magaalaa Birriitii, keessatti hidhattoonni milishaa PP Amajjii 4, 2025 Shamarree maqaan ishee Caaltuu Damee Beeggii jedhamtu qawwee harkaa qabanitti dhimma ba’uudhaan yakkamtuu fakkeessanii butanii jiraachuun ibsameera.

Milishoonni badii PP hojii aadaa fi safuu uummataa cabsu hojjetan kunneen:  

  1. Shuumii Taaddasaa fi 
  2. Biraanuu Gaarradaa yoo ta’an,  

jarri kun waliin ta’uun shamarree ganda Darroo Willincoo irraa kaatee gabaa deemte irratti yakka safuu cabsuu fi hojii uummata keessatti ciiggaassisaa ta’e raawwachuun milishaan Shuumii Taaddasaa jedhamu kun dirqiidhaan qawweetti fayyadamee obboleessa kiyyatti heerumuu qabda jechuun akka doorsisaa ture maddeen keenya eeraniiru.

Leave a Reply