ONM-ABO Amajjii 7, 2025
Itiyoophiyaan bara 2024’tti intarneetii cufuu fi uggura miidiyaa hawaasaa mootummaan kaa’een kasaaraa diinagdee Doolaara miiliyoona 211.2 irra gahuu marsariitiin taateewwan uggura intarneetii biyyoota addunyaa gamaaggamu Top10VPN beeksiseera.
Gabaasni marsariitiin kun baase akka ibsutti Itiyoophiyaa keessatti bara 2024 intarneetiin sa’atii 4,680’f kan cufame yoo ta’u, kanaanis fayyadamtoonni intarneetii miiliyoona 3.3 ol ta’an miidhamaniiru.
Itiyoophiyaan dhiibbaa uggura intarneetii kun geessiseen biyyoota addunyaa irraa sadarkaa 8’ffaa, Afrikaa irraa ammoo lammaffaa irra taa’uu ishee gabaasichi dabalee ibseera.
Sadarkaa idil addunyaatti biyyoonni 28 sababa uggura intarneetii fi miidiyaalee hawaasaa akka X, Feesbuukii, Tiiktookii fi kanneen biroon kan miidhaman yoo ta’u, waliigalaan Doolaara biiliyoona 7.69 dhabaniiru. Kanaan walqabatees lammiileen miiliyoona 648 ol miidhamuu gabaasni kun ni addeessa.
Gabaasni Top10VPN kun dabalataan akka ibsutti, biyyoota Afrikaa Sahaaraan gadii jiran keessatti uggurri intarneetii sa’atii 32,938 tureen kasaaraa dinagdee waliigalaa doolaara biiliyoona 1.56 kan geessise yoo ta’u, fayyadamtoota intarneetii miiliyoona 111.2 irratti dhiibbaa uumeera.
Kunis naannichi Eeshiyaa (kasaaraa doolaara biiliyoona 4.64) hordofuun akka addunyaatti sadarkaa lammaffaa irratti kan miidhame ta’uu isaatu ifoome.
Gabaasichi sababoota addaan cituu interneetii kan qorannoon adda baase yeroo ibsu; inni ijoon waraana bal’aa fi walitti bu’iinsa yoo ta’u, sababoonni kanneen biroo mormii fi hokkora siyaasaa to’achuuf kan taasifame ta’uu ibseera.
Kasaaraan diinagdee Itiyoophiyaarra gahe kan bara darbeen Top10VPN gabaasa walfakkaataa waggaa tokko dura maxxanseen, sababa cufamuu intarneetiin Itiyoophiyaan bara 2023 keessatti doolaara biiliyoona 1. 9 akka dhabde beeksisuu ni yaadatama
Murni abbaa irree bilxiginnaa galiin biyyaa dabalaa jira jechuun holola sobaa afarsanitti galiin biyyaa kufaa jiraachuun mul’ataa jira.



