• Sun. Mar 15th, 2026

Kufaatii sirnichaa hordofuun Yuunivarsiitii wwan Siiriyaa keessatti deebi’anii banaman

Jan 7, 2025

ONM-ABO Amajjii 7, 2025 

Yuunivarsiitiiwwan Siiriyaa kufaatii mootummaa Bashar al-Asad hordofuun Muddee 8, 2024 irraa eegalee cufamanii turan, Wiixata kaleessaa barnoota eegalaniiru.

Boqonnaa tilmaamaan ji’a tokkoo booda sochiin barnootaa deebi’ee kan jalqabame yoo ta’u, barattoonni hedduun qormaata xumuraa fudhachuuf gara mooraatti deebi’aniiru.

Barattoonni fi barsiisonni gara yunivarsiitii isaaniitti deebi’uuf gammachuu guddaa qaban, waa’ee taateewwan dhiheenya kana Siiriyaa keessatti raawwataman irratti muuxannoo fi miira isaanii Anadolu waliin qoodaniiru.

Yunivarsiitii Damaasqoo muummee Arkiteekcharii fi Inistiitiyuutii Afaanii Ol’aanaa irraa kan eebbifamte Reem Al Zohayili, amma barsiistuu ta’uun kan hojjettu, kufaatii sirnichaa booda gammachuu fi boqonnaa itti dhaga’ame ibsiteetti.

“Sirnoota Asaad jalatti namoonni waan tokko hojjechuus ta’e waa’ee waan kamiyyuu dubbachuun hin hayyamamuuf ture, mata duree siyaasaa illee jetti.

Amma, namoonni akka barbaadanitti dubbachuu fi socho’uu bilisa ta’aniiru akka mana hidhaatii ba’uutti itti dhaga’ama,” jetti.

“Barattoonni amma caalaatti banaa ta’uun isaanii natti dhaga’ama. yaada mataa isaanii ni kennu,” jechuun cimsitee dubbatteetti.

Zohayili haala cunqursaa bara sirnichaa keessa ture, yeroo baayyee dhimma siyaasaa irratti mari’achuun hidhaa akka fidu irra deebitee dubbatteetti jechuun Anaadooluun gabaaseera.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading