ABO-ONM Amajjii 8, 2025
Impaayerri Itiyoophiyaa maqaan isaa Badhaadhina, hojiin isaa ajjeesuu, saamuu fi haadha hiyyeessaa boochisuu ta’e goleewwan Oromiyaa keessatti waggoottan jahan darbanii qabee uummata Oromoo gidiraa hamtuu agarsiisaa jira.
Ona Fantaallee araddaa Xuuxuxxii mooraa Yimiruu jedhamu keessatti jiraattota hidhuun maqaa Waraana Bilisummaa Oromoo waliin hidhata qabdu jedhuun nyaata dhorkachuun beelaan wareegama goggogaa kaffalaa akka jiranis ibsameera.
Akka gabaasni maddeen irraa nu qaqqabe ibsutti Amajjii 6, 2025 mooraa waraanaa Yimiruu keessatti namni Baqqalaa jedhamu du’ee argamuu isaas itti dabaluun ifoomsaniiru.
Kutaalee Oromiyaa guutuutti hidhuun gidirsuu, maallaqa humnaan olii gaafachuu, hidhaarraa baasuun ajjeesuu fi dararaan Oromiyaa keessatti adeemaa jiru cufti abdii kutannaa nutti uumee jira jechuun jiraattonni gandichaa ONM’tti himaniiru.


