ABO-ONM Amajjii 8, 2025
Murni Bilxiginnaa Itiyoophiyaa kufaatiif wayita raafamaa jirutti kaadiree, caasaan sirnichaa ummata impaayerattii irratti gidiraa ulfaataa agarsiisaa jiru.
Caasaa sirnichaa gaggeessan gubbaa irraa hanga gadiitti kaabinee impaayera Itiyoophiyaa tiksan kanneen hanqina qabanii fi naamusa hooggansaa kan hin qabne diriirsuun lafa irratti uummatni akka gubatu gochaa jira.
Tibbana godina Baha Shaggaritti bulchaan aanaa Liiban Cuqqaalaa Fireezer Abbarraa kan jedhamu magaalaa Bishooftuu ganda 03 hoteela Apple jedhamutti hojjetaa eegumsaa hoteellicha Bashar Abdallaa jedhamu piistoon rukutuun dhagaa’ameera.
Kutaalee Oromiyaa garaa garaa keessatti caasaan tiksituu Bilxiginnaan uummatni rakkoo hammana hin jedhamne argaa kan jiruu fi caasaaleen sirnichaa Bilxiginnaan kufuuf raafama jiraachuu erga hubatanii duula ijjibaataa sabicha balleessuu fi saamuu irratti gaggeessa jiru.
Mootummaan Bilxiginnaa jedhamuun of waamu yeroo uummatni wabii jireenyaa dhabee ajjeefamaa jirutti waltajjii argataniin guddinaa fi nagaa kijibaa hawaasatti odeessu.
Hooggantoota sirnichaa keessaa tokko kan ta’e Shimallis Abdiisaa yeroo dubbatu impaayerattiin ofirra darbitee biyyaa ollaa gargaraa akka jirtu dubbata. Haa ta’u malee uummatni qotee fi daldalee oomisha biyya tokkoo dabaluu loltoota akka feetee isaan bobbaasaniin mirgi namoomaan isaa cabaa fi ajjeefamaa jiraachuun dhugaa bakkee jiruudha.











