• Thu. Nov 26th, 2026

Godina Jimmaa Aanaa Saqqaa Coqorsaatti ergamtoonni Abiy Ahimed maqaa leenjii waraanaa jedhuun jiraattota ukkaamsuu fi saamicha irratti raawwachuuf qophiitti jiraachuun dhagaa’ame

Jan 8, 2025

ABO-ONM Amajjii 8, 2025 

Ergamtoonni abbaa irree Abiy Ahimed tibba kana akkuma guutuu Oromiyaatti haala duraan barameen olitti sababoota garaa garaan lammiilee nagaa dararuu irratti xiyyeeffatanii hojjechaa jiru.

Aanaa Saqqaa Coqorsaa ganda Gibee Boosoo jedhamu keessatti maqaa leenjii waraanaa jedhuun, namni ijoollee 2 qabu dirqamaan nama tokko akka kennuu fi kan hin qabne ammoo qarshii 17,000 akka kaffalu murteessuun Amajjii 5, 2025 beeksisa baasanii maxxansuun hojiitti seenanii kan jiran ta’uu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.

Gandicha keessatti maqaa “Koomaandoo ittiin leenjisnee nageenya keessan isiniif eegsina” jedhuun yeroo darbe qarshii 500-500 guuraa kan turan ta’uu fi yeroo addaa addaattis maqaa kaffaltii gosa garaa garaan gandichatti hawaasni hedduu dararamaa jiraachuu irra deddeebiin isiniif gabaasaa jiraachuun keenya ni yaadatama.

Leave a Reply