ONM-ABO Amajjii 9, 2025
Godina Arsii Bahaa aanaa Martii bakkeewwan hundatti ergamtoonni Bilxiginnaa maqaa kaffaltii gibiraa jedhuun jiraattota dararuu hammeessuun, ganda Dambaqaa Iftuu jedhamu irraa nama maqaan isaa Mahaammad Amiin Galatoo jedhamu guyyoota lamaaf hidhanii dararaa erga turanii booda Amajjii 4, 2024 qarshii 40,000 irraa fudhachuun gadi lakkisanii kan jiran ta’uu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.
Akka maddeen himanitti, namni kun nama nagaa siyaasa kam keessa hin jirre ta’uu himuun, maqaa “WBO deggerta” jedhuun illee garmalee dararamaa kan ture ta’uu dubbatu.
Aanicha keessatti dhiittaa fi sarbamiinsi mirgoota namoomaa jabaachuun, ganda Ellaa Akkiyyaa jedhamu irraa torban darbe keessa dargaggoota Abdii fi Jihaad jedhaman loltoonni sirnichaa badii tokko malee ukkaamsuun achi buutee faana isaanii balleessanii jiraachuu maddeen itti dabaluun Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeranii jiru.
