ONM-ABO Amajjii 9, 2025
Godina Arsii aanaalee adda addaa keessatti uummanni Oromoo akkuma Oromoota kutaa biroo miidhaa sirnichaan bahee galuu dadhabee jira.
Godina Arsii Aanaa Zuwaay Dugdaa, Roobee Diida’aa, Sirkaa fi Muuneessaa keessatti uummanni Oromoo sirna duudhaa hawaasaa kan ta’e fuudhaa fi heerumni illee osoo hin hafne danqamaa jiraachuu dubbataa jiru.
Keessattuu taateen dhiheenya kana aanaa Muuneessaa fi Zuwaay Dugdaa keessatti ta’e hedduu uummata dallansiisee jira.
Aanaa Muuneessaa keessatti sirna cidha dargaggoo tokko aanaa Muuneessaatii intala fuudhuuf hamaamota aanaa Muuneessaa irraa karaa Goljootaan darbu daandii kana hin deemtan jechuun uummata waraanaan ugguran.
Haala kanaan intala akka aadaatti warraa fi gosa irraa fuudhuu qaban kan warri intalaa horii silaa kennuufii qabu dhiisee meeshaa fi intala qofa Baatuu irraa Adaamaatti aadaa Oromtichaa cabsuun fiduufiin barameera.
Godina Arsii aanaa Zuwaay Dugdaa ganda Uunshittii Sheetamaataa jedhamu irraa Dargaggoon “Abuu Taammee Dagaagaa” aanaadhuma Zuwaay Dugdaa ganda Naatilee Shananiitti Amajjii 4, 2025 hamaamota konkolaataa 4 ganda Natilee Shananii irraa Misirroo fuudhanii galaa turan kaabinee fi waraanni PP magaalaa Ogolchoo keessa hin qaxxaamurtan jechuun ugguranii dhangaa waliin achuma keessa bulchan.
Guyyaa itti aanu Amajjii 6, 2025 uummatni dallansuun hokkora kaasuuf kaanaan sodaatanii gadhiisan.
Haala amma jiruun godina Arsii Bahaa aanaalee adda addaa keessatti hawaasni hawaasummaa isaa geggeeffachuu dhorkamuun waan Bilxiginnaan ajaju qofa raawwachaa jiraachuu fi aadaan akkasumas duudhaan sabichaa caccabaa jiraachuu odeessi garasii arganne ni addeessa.


