• Tue. Nov 24th, 2026

Godina Baha Wallaggaa Aanaa Kiiramuutti finxaaleeyyiin Amaaraa hawaasa Oromoo gara jabinaan ajjeesuu cimsanii itti fufan

Jan 10, 2025

ONM-ABO Amajjii 9, 2025 

Gargaarsa qaamolee mootummaa irraa argataniin hanga funyaaniitti hidhatanii finxaaleeyyiin Amaaraa maqaa “Faannoo” jedhuun socho’an gara jabina nama suukkaneessuun ilmaan Oromoo albeen qaluu fi rasaasaan waaduu itti fufanii jiru. 

Aanaa Kiiramuu ganda Margaa Jireenyaa jedhamu irraa finxaaleeyyiin kunneen namoota maqaan isaanii Obbo Tashaalee Dabaloo fi Obbo Abdannaa Yihuun jedhaman ukkaamsuun gara jabina hamaa ta’een Amajjii 5, 2025 akka bineensaatti rasaasa itti roobsuun ajjeesuu jiraattonni gandichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan.

Akka jiraattonni gandichaa himanitti, namoonni kun erga ukkaamfamanii booda qarshii guddaa gaafataman kaffaluu dadhabuun battalumatti ajjeefamuu fi aanicha guutummaa keessaa finxaaleeyyiin kunneen yeroo yerootti ilmaan Oromoo adamsanii ajjeesuu cimsanii itti fufuun qaamni mootummaa illee finxaaleeyyii kana waliin uummata dararaa kan jiru ta’uun eerameera.

Leave a Reply