ONM-ABO Amajjii 10, 2025
Kutaalee Oromiyaa cufa keessatti lukkeeleen Bilxiginnaa akka saree maraatuu uummata nagaa ciniinuuf olii fi gadi fiigaa ooltu, uummata nagaa maqaa garaa garaa itti moggaasuun saamichaa hanga ajjeechaatti dararaa hamaa irraan gahaa jira.
Godina Baha Wallaggaa aanaa Waamaa Hagalootti maqaa “ijoollee keessantu Waraana Bilisummaa Oromoo keessa jira” jedhuu fi “hidhata Waraana Bilisummaa Oromoo qabdu” jedhuun namoonni baay’inaan 100 ol ta’an loltoota sirnichaan ukkaamfamanii waajjira poolisii aanichaa keessatti dararamaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.
Akka maddeen himanitti, namoota waajjira poolisii aanichaatti hidhamanii jiran keessaa nama maqaan isaa Kamaal Sanbatoo jedhamu “obboleessa keetu bosona jira” jechuun irra deddeebiin hidhaa yoo turan, ammallee torbee darbe keessa hidhamuu isaa himuun, namni Eebbaa Surraa jedhamuu fi firoonni isaa hedduun immoo “namoota 20 ol ta’aniif lafa isaanii qottan” jechuun hojjettoota isaanii waliin dararaa akka jiran dubbatu.

