ONM-ABO Amajjii 10, 2025
Magaalota gurguddoo kutaalee impaayerattii bakkeewwan addaa addaatti yeroo dhihoo as ergamtoonni Bilxiginnaa maqaa Ijaarsa Kooriidarii jedhu qabatanii gadi ba’uun lammiilee nagaa qe’ee fi qabeenya isaanii irratti dararaa jiru.
Bakkeewwan addaa addaatti Baajeta ijaarsa Piroojektiiwwaan garaa garaaf ramadamu illee lukkeeleen Bilxiginnaa garaa isaanii guuttachuu qofaaf jiraatan kunneen dantaa dhuunfaa isaanii irra oolfachuun, ijaarsawwan eegalamanis gufachuun lafa irra harkifachaa jiru.
Haaluma kanaan bulchiinsa magaalaa Naqamtee keessatti maqaa ijaarsa Kooriidarii jedhuun qabeenya hawaasaa beenyaa tokko malee mancaasaa kan turan ergamtoonni Abiy Ahimed, yeroo ammaa kana ammoo hanqina Baajetaa isaan mudate sababeeffachuun ijaarsa misooma agarsiisa siyaasa isaanii ta’e kana addaan kutanii jiraachuu jiraattonni magaalaa Naqamtee qe’ee fi qabeenyi isaanii jalaa manca’e miira gaddaan guuteen yaada isaanii Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeranii jiru.
Akka jiraattonni himanitti, sababa kanaan namoonni hedduun hojii guyyuu fi idilee isaanii irraa ugguramanii jiruu gadadoo hamtuuf saaxilamuun rakkachaa kan jiran ta’uu itti dabaluun dubbataniiru.

