• Wed. Nov 25th, 2026

Murni bilxiginnaa, qaala’insa dabalaa jiruu fi saamicha raawwachaa jiraniin komee hawaasa irraa ka’uun itti Aanaan Biiroo Galiwwan Oromiyaa saamicha geggeessaa jiraachuu dubbate

Jan 10, 2025

ONM-ABO Amajjii 9, 2025 

Impaayerri Itiyoophiyaa kufaatii dinagdee hamaa keessatti kufuun, uummataa fi ija addunyaa jalaa dhoksuuf lammiilee ishee irratti saamicha daangaa darbe sektera hojii hundaa fi hanga geejjibaatti waan naga’ee hin qabneen saamaa oolti.

Akkaatuma kanaan “Kaffaltiin kottee iddoo fe’umsaa fi bu’iinsaan ala raawwatamu seeraan ala” ta’uu kan dubbatan itti Aanaan Biiroo Galiwwan Oromiyaa Obbo Ramadaan Waariyoo daballiin boba’aa Amjjii 7, 2025 erga labsameen booda sochii uummataan wal qabatee rakkoo biraan dhalachuu mala sodaan jedhu aangaa’ota Bilxiginnaa gidduutti sodaa uumee jira.

Murni Bilxiginnaa uummata Oromoo fi lammiilee impaayerattii keessa jiraatan maratti jireenya hadheessee jiru, ittiin uummata sossobuuf Konkolaataan tokko iddoo fe’umsaa hanga iddoo bu’iinsa ga’utti kellaawwan magaalotaa fi aanaalee gidduu jiran kaffaltii koottee kaffalchiisuu hin qaban,” kan jedhu erga saamichi maqaa “kotteen”Oromiyaa keessatti hanga fedhan saamaniin booda ta’us gochi kun har’as ta’e bor uummata irraa dhaabbachuu hin danda’u jechuun jiraattonni gocha lukkeelee Bilxiginnaa irraa ka’uun tilmaama isaanii kaa’u.

Haa ta’u malee, konkolaachiftoonni hedduun kanneen Jibuutii fi Finfinnee gidduu deeman bakka kudhanii olitti kaffaltii kottee qarshi 600 hanga 2,000 akka kaffalan himachaa turaniiru.  

Sirni maqaan isaa  badhaadhina hojiin isaa uummata akka nama mana daabboo lixeetti afuura baafachuu fi fudhachuu dhorkatee jiru, afaaniin akka waan saamicha isaanii fooyyessaniitti haa dubbatan malee gidiraan uummatichaa itti fufaa ta’uu dubbii fi gocha isaanii irraa hubachuun ni dandaa’ama.

Leave a Reply