• Mon. Apr 6th, 2026

Godina Baha Wallaggaa Aanaa Saasiggaa keessaa miseensonni milishaa PP 2 gooticha WBO’tti harka kennatan

Jan 11, 2025

ONM-ABO Amajjii 11, 2025 

Miseensonni waraana Bilxiginnaa fedhaanis ta’u, dirqamaan loltuu ta’uun bututtuu impaayera Itiyoophiyaa suphuuf naannoolee impaayerattiin qabdu cufa keessatti bobbaafaman yeroo addaa addaatti akkaataa isaaniif mijateen sirnicha ganuun mooraa Bilxiginnaa keessaa miliqaa kan jiran ta’uun ni beekama.

Amajjii 8, 2025 aanaa Saasiggaa mooraa waraana Bilxiginnaa bulchiinsa magaalaa Jimaataa keessaa miseensonni milishaa PP 2 miliquun gooticha Waraana Bilisummaa Oromoo bira nagaan qaqqabanii jiraachuun ibsameera.

Miseensonni milishaa Bilxiginnaa duraanii kunneen, armaan duras fedhii isaanii malee dirqamaan kan ukkaamfaman yoo ta’an, isaanis guyyoota muraasa qofa leenji’uun meeshaa malee harka qullaa kan bobbaafaman ta’uu Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeranii jiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading