ONM-ABO Amajjii 12, 2025
Murni PP Oromiyaa bakkoota garaa garaa keessatti lola WBO fi Impaayera Itiyoophiya gidduutti ademsifamaa jiru sodaachuun keessoon wal dhabaa jiraachuun beekamaadha.
Godina Iluu Abbaa Booraa aanaa Aallee magaalaa Gooreetti miseensonni polisii idilee lama kanneen maqaan isaanii Musaab Shaafii fi Aminuu Kadir jedhaman gara aanaa Daarimuu deemanii WBO akka lolaaniif dirqamni itti kennamnaan didanii Waajjira Polisii magaalaa Gooreetti ji’a lamaa oliif hidhamanii hiraarfamaa jiru.
Akka odeessi keessoo isaaniitii ba’e Arraata Biyyoolessa Oromiyaa qaqqabe addeessutti kaabinee fi miseensota Poolisii aanichaa gidduutti wal dhabdee jabaan jiraachuu mul’isa.


