ONM-ABO Amajjii 12, 2025
Gaddaaf gadadoo qe’ee ilmaan Oromootti uwwisuun hojii idilee isaa kan ta’e faashistichi abbaa irree impaayerattii Bilxiginnaan ilmaan Oromoo saalaa fi umuriin osoo adda hin qoodin guyyuu dararaa hamtuu dhala namaaf hin malle irratti raawwachaa jira.
Bifuma kanaan murni PP aanaa Saasiggaa irraa dhaquun magaalaa Naqamtee ganda 02 irraa daa’ima ganna 14 kan maqaan isaa Lammii Haayinaalem jedhamu haadha isaa kan maqaan ishee Shiibirree Alqaadir, Obboleessa isaa umuriin isaa 8 ta’e Eebbaa Haayinaalem waliin Fulbaana 13, 2024 qabanii mana hidhaa keessatti guyyoota 25’f erga dararaa turaniin booda oggaa gad dhiisan Lammiin dhukkuba ulfaataaf saaxilamuun Ibsame.
Dararaa mana hidhaa sanatti irratti raawwatamaa turee irraa kan ka’e dhibee jabaan qabamee magaalaa Naqamteetti hospitaala rifeeraalaatti yaalamaa kan ture yammuu ta’u, achi irraan gara Finfinnee Hospitaala Phaawuloositti rifeeriin barreeffamuufiin darbee yaalamaa osoo jiruu Amajjii 7, 2025 lubbuun isaa akka darbe maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeran.

