• Tue. Nov 24th, 2026

Arsii Bahaa Aanaa Muunessaa keessatti saamichi hawaasa irratti murna faashistii PP’n hammaatee jiraachuun ibsame

Jan 14, 2025

ONM-ABO Amajjii 13, 2025 

Murni abbaa irree kan kallattii hundaan ummatatti bobba’uun ummaticha jiruu fi jireenya dhorkee qe’ee Oromoo ulfoo salphisee lubbuu namaa akka baala mukaatti harcaasaa jiru godina Arsii Bahaa aanaa Muunessaa gandoota 39 baadiyyaa fi magaalaas dabalatee maqaa garaa garaa itti moggaasuun hawaasa irratti saamicha haalaan hammeessuun himame.

Akka aanaa Muunessaatti gandoota cufa irraa jiraattota irraa dhuunfaa dhuunfaan qarshiin 15,000 irraa funaanamaa jiraachuunis kan himamu yoo ta’u, dhiibbaa murnichi irratti taasisaa jiruunis jireenyi harkatti laamsha’ee akka jirus itti dabaluun Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeraniiru.

Mata dureewwan akka kaffaltii gibiraa, buusaa gonofaa, gargaarsa Fannoo diimaa, kaffaltii Ispoortii fi kanneen biroo caqasuun saamichi guyyuu taasifamaa jiraachuus kan himan jiraattonni, namoonni harka qalleeyyiin homaa kaffaluuf maallaqa hin qabnes hireen isaanii dhaanamuu fi manneen hidhaatti darbamuun baatiilee dheeraaf murtii tokko malee hidhamuu akka ta’es itti dabaluun ifoomsaniiru.

Leave a Reply