• Sun. May 10th, 2026

Bilxiginnaan Godina Baalee Lixaa Aanaa Gaasaraa keessatti maqaa hariiroo WBO waliin qabdu jedhuun dararaa uummata irratti hammeessee jiraachuun ifoome

Jan 14, 2025

ONM-ABO Amajjii 13, 2025 

Mootummaan abbaa irree hawaasa afaan qawween ukkaamsee bulchaa jiru kutaalee Oromiyaa hunda keessatti sabicha dadhabsiisuuf kallattii hundaan xiyyeeffatee hojjechaa kan jiru bixiginnaan irreef humna isaa uummata meesha-maleeyyii irratti ol kaasuun guyyuu sababa hin beekamneen maqaalee garaa garaa itti maxxansee hiraarsuu jabeessee jira.

Saba irraa dhalataniif kabajaa namummaa kan hin qabne kaabinoonni fi waraanni bilxiginnaa teessoo abbaa irree uummata irratti gadi dhaabuuf kan dhama’an, kan garaa isaanii qofaaf bitamanii ilmaan Oromooo ajjeesaa, saamaa, hidhaa fi qe’ee irraa godaansisaa oolan guyyaa dhufee darbuun jiruuf jireenya Oromoota maraa goolaa jiraachuun kan beekamuudha.

Amajjii 9, 2025 aanaa Gaasaraa ganda Dambal keessatti namoota sadii waraanni sirnichaa qabuun nyaataa fi dhugaatii irraa kutuun mana hidhaa keessatti dararaa kan jiran yoo ta’u, namoonni bifa kanaan haala hamaa keessa jiran kunneenis kanneen maqaan isaanii:

1. Zubeer Hamoo,

2. Tajuu Kabiir fi

3. Arabaa Abdurramaan kan jedhaman ta’uu maddeen ONM’tti himan.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading