• Mon. May 11th, 2026

Godina Gujii Bahaa Aanaa Adoolaa Reeddeetti saamichi ulfaataan jiraattota irratti raawwatame

Jan 14, 2025

ONM-ABO Amajjii 13, 2025 

Uummata Oromoo qe’ee fi qabeenya isaa irratti jibbuun badii tokko malee sobaan yakkuun ajjeesuu, saamuu, hidhuu fi qabeenya isaa abiddaan barbadeessuu hojii idilee isaa kan godhate waraanni maafiyaan impaayerattii goleewwan Oromiyaa mara keessatti ilmaan Oromoo, Oromummaa isaanii qofaaf yakkuun dararaa hamaa irraan gahuu cimsee itti fufee jira.

Aanaa Adoolaa Reeddee guutummaatti ergamtoonni bilxiginnaa maqaa gosa kaffaltii adda addaa itti dhahuun uummata baadiyyaa jiraatanitti gadi bu’uun qonnaan bulaa saamaa kan jiran yoo ta’u, sababa kanaanis rakkoon ulfaataa ta’e hawaasa  irra gahaa jiraachuu jiraattonni aanichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan.

Torban darbe dura lukkeeleen Bilxiginnaa maqaa inshuraansii fayyaa, mana gandaa ijaaruu, buusaa gonofaa fi kanneen biroo hedduu da’oo godhachuun nagahee malee akkuma argan bobbaafamuun saamicha ulfaataa geessisaa turuu dabaluun ibsaniiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading