• Wed. Nov 25th, 2026

Godina Jimmaa bulchiinsa magaalaa Jimmaatti jiraattota irratti kaffaltiin bishaanii dabale

Jan 14, 2025

ONM-ABO Amajjii 13, 2025  

Murni gabroomfataan PP, dinagdeen impaayerattii burkutoofnaan deebisee suphuuf jecha gara hawaasaatti deebi’uun kaffaltii uummatni xiqqaa kaffalaa ture garmalee itti guddisuun dararaa hamaa raawwachaa jira. 

Magaalaa Jimmaa hunda keessatti ergamtoonni Bilxiginnaa jiraattota irratti gatii bishaanii dabaluun dinagdee isaanii suphaa kan jiranii fi hangi bishaanii hawaasaaf gadi dhiifamu xiqqaa yoo ta’u, kaffaltii isaan kaffalan waliin wal gituu dadhabuun jiraattota magaalichaa rakkoo ulfaataan mudataa jiraachuun ibsameera. 

“Bishaan nuti argannuu fi kaffaltiin nuti kaffalaa jirru wal madaalaa miti; Bishaan boombaa sirnaan argachaa waan hin jirreef, bishaan boollaa baafanna kan jedhan jiraattotni magaalichaa, namni bishaan malee hin jiraatu waan ta’eef maallaqa guddaa baasnee warreen gaariin fidan irraa bitaa jirra jedhu. Haala amma ittiin jiraachaa jiran irraa ka’uun akkanaan magaalaa kana keessa jiraachuun ni ulfaata” jechuun jiraattonni magaalichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Leave a Reply