ONM-ABO Amajjii 14, 2025
Waraanni abbaa irree Bilxiginnaan uummata impaayera Itiyoophiyaa aangoo isaa jalatti gidirsee qorqalbii cabsee of jalatti afaan qawween bulchuuf jecha halkanii fi guyyaa qe’ee Oromootaa gadadoon uwwisee hawwan Oromoo imimmaan lakkuu boossisuu daran cimsee itti fufeera.
Bifuma kanaan godina Baalee Lixaatti waraanni faashistiin PP uummata dirqiin ukkaamsee mooraa waraanaatti guuruu fi adamsee hidhuu jabeessuun dargaggoonni fi maanguddoonni nagaan ba’anii galuun haalaan jabaatee jiraachuu ONM’f eeraniiru.
Godina Baalee Lixaa bulchiinsa magaalaa Roobee waajjirootaa fi manneen hidhaa keessatti guyyuu jiraattonni walitti qabamuun mooraa leenjii waraanaatti guuramaa kan jiran oggaa ta’u, maatiin ilmaan isaanii manaa nagaan bobbaasanii qara ilaalaa hafaa akka jiranis miira gaddaan guuteen dubbatu.
Kana malees aanaa Sinaanaa ganda Guddattuu Sanbituu keessaa jiraattonni mana jireenyaa isaanii keessaa ukkaamfamuun waajjira poolisii aanichaatti dararamaa kan jiran danuu oggaa ta’u, kanneen maqaan nu qaqqabe muraasni; Muktaar Abduzaliil abbaa maatii jahaa fi Abdii Muusaa kan jedhamanis maqaa hidhata WBO qabdu jedhuun hidhanii hiraarsaa jiraachuun ibsameera.
Oduu saamichaan ammoo aanaa Gaasaraa gandoota Kolooba Saadaa fi Suraaraa keessatti uummanni bahee galuu hanqachuun guyyuu milishoota sirna Bilxiginnaa fi poolisootaan saamamaa jiraachuu ONM’f eeraniiru.



