ONM-ABO Amajjii 14, 2025
Pirezidaantiin Ameerikaa filatamaa Doonaald Traamp fi prezidaantiin Raashiyaa Vilaadmiir Puutiin guyyoota ykn torban dhufan keessatti bilbilaan ni haasa’u jedhamee ni eegama. Loltoota Raashiyaa dachee Yukireen inchii hunda keessaa ari’uuf kaayyeffachuun waan qabatamaa miti jedhan gorsaan olaanaa Tiraamp.
Amajjii 20 pirezidaantii Ameerikaa ta’uun kan deebi’an Tiraamp akka nama waliigaltee guddaatti of fakkeessanii, waraana Yukireen saffisaan xumuruuf dhaadataniiru malee akkamitti sana galmaan gahuu akka danda’an hin kaa’an.
Miseensi Kongiresii Ameerikaa Maayik Waaltz, gorsaan nageenya biyyaalessaa dhufu, Dilbata dheengaddaa ABCtti akka himanitti, waraanni kun akkaataa Waraana Addunyaa Tokkoffaatti “foon namootaa fi qabeenya nyaachuu” ta’ee “bu’aa Waraana Addunyaa Sadaffaa” ta’uu isaa ABCn gabaaseera.
Qondaaltonni Raashiyaa akka jedhanitti, Ameerikaan humna gadi bu’aa dhufee fi erga bara 1991 Gamtaan Sooviyeet diigamtee booda fedhii Raashiyaa irra deddeebitee tuffachaa kan turte yoo ta’u, Raashiyaa keessa wal dhabdee facaasuun hawaasa Raashiyaa qoqqooduun dantaa Ameerikaa daran babal’isuuf yaalii taasifamuudha jedhu jechuun Rooyiteers gabaaseera.

