• Thu. Nov 26th, 2026

Godina Iluu Abbaa Booraatti ergamtootni bulchiinsa abbaa irree ilmaan Oromoo humnaan qabuun leenjii milishummaaf hiraarsaa jiraachuun ibsame

Jan 16, 2025

ONM-ABO Amajjii 15, 2025 

Murni garboomfataan Bilxiginnaa umurii barcuma siyaasaa isaa humna waraanaatti dhimma bahuun dheereffatee jiraachuuf jecha guyyuu daa’imman umuriin isaanii loltummaaf hin geenyee fi abbootii warraa dirqiin dirree waraanaatti guuruu bartee taasifatee jira.

Godina Iluu Abbaa Booraa aanaa Haluu bulchiinsaa magaalaa Uukkaa fi gandoota baadiyyaa hunduma keessatti ganda tokko irraa namoota 75 milishummaaf kennuu qabdu jechuun doorsisaa fi sodaachisa jabaa uummata irratti raawwachaa jiraachuu jiraattonni dubbatu.

Kana malee bulchiinsa magaalaa Uukkaa keessatti Amajjii 9, 2025 ganamaan jiraattotaan waltajjii qabdu jechuun lukkeeleen Bilxiginnaa qe’ee irraa namoota yaasuun gara waajjira poolisiitti gessanii ni hidhamtu kanaan achi leenjii milishummaaf of qopheessaa jechuun namoota baay’inni isaanii 17 ol ta’an dirqiin qabuun addeeffameera.

Leave a Reply