• Thu. Nov 26th, 2026

Godina Lixa Shaggar Aanaa Baakkoo Tibbeetti maqaa kaffaltii gibiraa fi leenjii waraanaa jedhuun saamichi ulfaataan jiraattota irratti raawwatamaa jiraachuun himame

Jan 16, 2025

ONM-ABO Amajjii 15, 2025 

Aanaa Baakkoo Tibbee bakkeewwan addaa addaatti kufaatii dinagdee impaayerattii sababeeffachuun ergamtoonni Abiy Ahimed hawaasa ofiifuu qaala’iinsa jireenyaan waadamee gidiraa hamtuu keessa jiru saamuu itti fufuun, yeroo ammaa kana ganda Ceekaa Diimtuu jedhamtu keessaa kaffaltii gibira lafaa jechuun lafa hektaara tokkotti qarshii 10,000 afaan qawwee itti qabanii sodaachisuun saamaa kan jiran ta’uu jiraattonni miiraa aarii fi gaddaan guuteen ONM’tti himanii jiru.

Kana malees, namni leenjii milishummaa leenji’uu dide ammoo guyyaatti qarshii 1000-1000 adabamaa kan jiru ta’uu maddeen itti dabaluun ONM’f eeranii jiru.

Kanumaan wal qabatee yeroo ammaa hawaasni waan kaffalu dhabee garri itti deebi’u bitaa itti galuun rakkoo ulfaataa keessa kan jiru ta’uunis eeramee jira.

Leave a Reply