ONM-ABO Amajjii 16, 2025
Murni dabaa fi cubbuun guutame Bilxiginnaan tarsiimoo fi imaammata siyaasaan osoo hin taane, humna waraanaa qofaan barcuma aangoo irra turuuf jecha ilmaan Oromoo humnaan gara mooraa leenjii waraanummaatti erguu fi kaan ammoo osoo hin leenjisin milishaa fi waardiyyaa eegdu maqaa jedhuun jireenya itti hadheessaa jiraachuun himame.
Godina Lixa Wallaggaa aanaa Mana Sibuu bulchiinsa magaalaa Mandii keessatti torban tokkoon dura eegalun sodaa fi yaaddoo gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo WBO’n maqaa “Duula Cichomina Kaayyoo” jedhuun tarkaanfii laalessaa mooraa diinaa irratti fudhataa jiruun uummata nagaa fi leenjii waraanaa hin qabneen nageenya keessan eeggadhaa jechuun halkan halkan meeshaa lolaa malee waardiyyaa eegsisaa jiraachuu ONM’f eeraniiru.
Akka jiraattonni magaalichaa jedhanitti murni badii kun sodaa fi yaaddoo WBO irraa ka’uun waanta qabuu fi gadi dhiisu wallaalee humnoota waraanaa kumootaan magaalicha keessa osoo bobbaasuu ofitti amanamummaa dhabuu irraan kan ka’e jaarroolee umuriin isaanii 60 gad ta’e guyyuu bobbaasee waardiyyaa eegsisaa jiraachuun beekameera.

