ONM-ABO Amajjii 15, 2025
Barreessaan olaanaa NATO Maark Ruutee Kibxata kaleessaa ergama haaraa Baaltik Seentirii jedhamu kan naannoo Galaana Baaltik keessatti keebilii galaana jalaa murteessaa ta’e eeguuf kaayyeffachuu beeksisaniiru.
Ruuteen hoggantoota biyyoota NATO Galaana Baaltik waliin daangessan waliin walgahii taasisaniin barbaachisummaan keebilii kanaa guddachaa dhufuu fi balaawwan naannichatti mul’achaa jiran furuun barbaachisaa ta’uu ibsaniiru.
“Har’a, NATOn aangoo ajajaa olaanaa michuu NATO jalatti Baltik Sentirii jalqabsiisuu isaa beeksisuu nan danda’a,” jedhan Ruuteen.
Itti dabaluudhaanis, “Sochiin waraanaa kun qaama tattaaffii keenya itti fufee jiruudha, argama galaanaa fi hordoffii naannoowwan ijoo gamtaa keenyaaf ta’an guddisuuf,” jedhan.
Hojiin kun qabeenya adda addaa kanneen akka xiyyaarota patroolii galaanaa fi diroonii humna galaanaa dabalatee kan bobbaasu ta’a.
“Har’a teeknooloojiiwwan haaraa tattaaffii kanaaf qacaruu fi bobbaasuuf jalqabbii eegaluuf waliigalleerra, kunis doonii xiqqaa diroonii humna galaanaa hordoffii fi ofirraa ittisuu fooyya’aa ta’e kennuu dabalatee,” jechuun Rutteen ibseera.
Ergamni Baaltik Sentirii kun kan dhufe yeroo yaaddoon keebilii galaana jalaa fi sochiiwwan tasgabbii dhabsiisan biroo naannicha keessatti raawwataman manca’uu danda’an keessatti mul’ateera jechuun Rooyiters gabaaseera.





