ONM-ABO Amajjii 16, 2025
Afriikaa Kibbaatti albuuda warqee baasuunn wal qabatee lakkoofsi namoota seeraan ala albuuda otoo baasanii du’anii roobii kaleessaa gara 78’tti ol guddateera jedha waldaan hojjettootaa.
Gamtaan Hojjetoota Indaastirii Waliigalaa Afrikaa Kibbaa (GIWUSA) gabaasa qoodeen akka jedhetti, reeffa sagal Wiixata, 51 Kibxata, 18 ammoo Roobii albuuda naannoo Istilfonteyinin jiru irraa fudhatame.
GIWUSA’n akka jedhetti, erga mootummaan hojii baraarsaa jalqabee as albuuda baastonni seeraan alaa 191 baraaramuu isaanii, namoota lubbuun hafanii fi reeffa barbaaduuf jiru.
Wiixata namoonni 26 baraaramaniiru; Kibxata 106 fi Roobii 59 lubbuun hafuun barameera.
Dhuma bara darbee albuuda baastonni seeraan alaa dhibbaan lakkaa’aman hidhamuu sodaachuun kibba dhiha Johaannesbarg irraa kiiloo meetira 140 fagaatu albuuda kana keessa dhokatanii turan.
Poolisiin Afrikaa Kibbaa Muddee 2023 keessa Opireeshinii Vala Umgodi, Close the Hole jedhamuunis beekamu kan jalqabe yoo ta’u, albuuda baastoota seeraan alaa 13,000 ol to’annoo jala oolcheera jechuun Al Jazeeraan gabaaseera.



