ONM-ABO Amajjii 16, 2025
Awustiraaliyaan ambaasaaddara Raashiyaa kan waamte, namni magaalaa Melboorn tokko Yukireenif osoo lolaa jiruu Raashiyaan booji’amee ajjeefamuu isaa gabaafame irratti akka ta’e muummichi ministeeraa biyyattii Antoonii Albaaneez Roobii kaleessaa ibsaniiru.
Mootummaan Awustiraaliyaa aanga’oonni Raashiyaa haala Oskaar Jenkins hatattamaan akka mirkaneessan gaafatee kan ture yoo ta’u, gabaasa ajjeefamuu isaatiin “yaaddoo guddaa” itti fufee jira jechuun Albaaneez ibsa miidiyaaleef kennaniin dubbataniiru.
Awustiraaliyaan deeggarsa biyyoonni dhihaa Yukireenif taasisaniif gumaacha guddaa kennuun biyyoota miseensa NATO hin taane keessaa tokko yoo taatu, gargaarsa, rasaasaa fi meeshaalee ittisaa dhiyeessaa turte.
Booksaayitii dabalatee albuuda aluminiyeemii fi aluminiyeemii gara Raashiyaatti erguu dhorkuun, namoota dhuunfaa fi dhaabbilee Raashiyaa gara 1,000 ta’an qoqqobbii irra kaa’eera jechuun Rooyiters gabaaseera.




