ONM-ABO Amajjii 17, 2025
Loltoonni Bilxiginnaa godinaalee Oromiyaa cufa keessaa manneen barnootaa quubsuma waraanaa taasifachuun adeemsa baruu fi barsiisuu gufachiisaa jiraachuun cinatti, barsiisaa fi barataa illee sobaan yakkanii hidhuu, leenjii waraanaatti geessuu, ajjeesuu fi dararaa ulfaataa irraan gahuu jabeessanii itti fufanii jiru.
Amajjii 14, 2025 loltoonni faashistii PP aanaa Iluu Galaan ganda Waddeeyyii Giraanchee keessaa barsiisaa mana barumsaa sadarkaa tokkoffaa Calalaqii ganda Waddeeyyii kan ta’e nama maqaan isaa Barsiisaa Taakkalaa Dajanee jedhamu badii tokko malee bakka hojii isaa dirree barnootaa irraa ukkaamsanii mana hidhaatti darbachuun dararaa ulfaataa irraan gahaa kan jiran ta’uu maddeen ONM’tti himan.
Kana malees godina Kaaba Shaggar aanaa Kuyyuu ganda Dhaayee Willincoo iddoo addaa Saakkisaa jedhamutti waraanni faashistiin PP Amajjii 15, 2025 nama maqaan ishee Aadde Masee Tolasaa jedhamtu “abbaa manaa keetu humna ittisaa WBO’ti jechuun reebicha hamaa irraan gahanii harka ishee abiddaan gubanii qaama hir’uu taasisuun ifoomeera.
Miidhaa qaamaa erga irraan ga’aniin booda loon 5 jalaa ooffachuun gara mooraa isaanii onicha keessatti argamuutti akka geeffatan jiraattonni gandichaa ONM’tti himaniiru.


