• Tue. Nov 24th, 2026

Godina Walloo Aanaa Harxummaa Fursee keessatti dubartii ulfaa dabalatee namoonni dhukkubsatan mana yaalaa deemuuf Ambulaansii dhabanii lubbuun darbaa akka jiran ONM odeeffate

Jan 17, 2025

ONM-ABO Amajjii 16, 2025 

Akka qajeelfamaa fi bartee naannoo fayyaa jirutti Ambulaansiin dubartii ulfaa fi dhukkubsataa kan tajaajiltu yoo ta’u, garuu faallaa kanaa ammoo murni Bilxiginnaa osoo haadhi Oromoo ciniinsuun manatti duutuu tajaajila hawaasaa gara tajaajila waraanaatti deebisuun Ambulaansii hawaasa tajaajilaa turan dabballoota isaanii harka galchuun reeffaa fi madoo loltoota Koloneel Abiy Ahimed qofa wayita ittiin guurantu mul’achaa jira.

Bu’uuruma kanaanis akkuma aanaa Harxummaa Fursee gandoota garaa garaatti maanguddootaa fi deessuu dabalatee namoonni dhukkubsatan Ambulaansii mana yaalaa ittiin deeman dhabuun lubbuun namootaa darbaa jiraachuu fi konkolaataa biroon geessina yoo jedhan boba’aan dhabamuun konkolaataa hedduun geejjiba waan dhaabaniif filannoo biraa dhabanii namoonni danuun lubbuun darbaa jiraachuu jiraattotni aanaa Harxummaa Fursee gandoota adda addaa irraa ONM dubbise ifoomsaniiru.

Jiraattonni akka jedhanitti, aanaa Harxummaa Furseetti torbeedhuma kana baatii Amajjjii keessa maanguddoon rakkoo nageenya isaaniif maqaa dha’uu hin barbaanne tokko maatii isaa haada (wadaroon) gaala irratti hidhuun mana yaalaa akka geeffatan dabaluun dubbataniiru.

Leave a Reply