• Thu. Nov 26th, 2026

Impaayerri Itiyoophiyaa Murna Bilxigginnaan durfamu qaala’iinsaan uummata daraaraa Osoo Jiruu misooma Jal’isii bonaan hiyyummaa keessaa baana Jechuun dubbachuutu dhagaa’ame

Jan 17, 2025

ONM-ABO Amajjii 16, 2025 

Mootummaan abbaa irree Bilxiginnaan waggoottan jahan darbanitti holola sobaan hojii qonnaan hiyyummaa keessaa banaa jechuun afaaniin lallabaa, dhiyeessii kanneen akka xaa’oo fi sanyii filatamaa  qonnaan bultoota dhorkachuun beekamaadha.

Tibbana ammoo caasaaleen Bilxigginnaa Abiy Ahimed fi Shimallis Abdiisaa jal’isii bonaan hiyyummaa bal’eessina jechuun dubbataa jiraachuun ibsame.

Caasaaleen murna Bilxiginnaa akka dubbatanitti lafa qabna, bishaan qabna, hojjechuu dandeenya jechuun dhaaddachaa harka tokkoon immoo uummata kan saamaa jiruu fi uummata Oromoo diinagdeen, hawaasummaan kuffisaa kan jiru ta’uun ifoomeera.

Bifuma walfakkaatuun uummatni biyyattii sababa dhiibbaa mootummaa Bilxiginnaan waan nyaatee bulu kan hin qabnee fi kanneen sababa qala’iinsa jireenyaan harka namaa eeggatu hedduu ta’uun isaa beekamaadha.

Leave a Reply