ONM-ABO Amajjii 17, 2025
Ministirri haajaa alaa Ispeen Kamisa kaleessaa Maadriid sochii dippilomaasii erga dhaabdee waggoota kurnan oliif boodaa fi prezidaant Bashar al-Asad aangoo irraa ari’amuun booda biyyoonni dhihaa walitti dhufeenya isaanii deebi’anii eegaluu isaaniitiin Kamisa kaleessaa Imbaasii isaanii Damaasqootti bananiiru.
Ispeen ergama kana kan cufte Amajjii bara 2012 yoo ta’u, al-Asaad mormii farra mootummaa ukkaamsuu gara jabummaa erga jalqabee waggaa tokko booda. “Ani qaamaan asitti argamuun koo kabaja guddaadha,” jechuun Joozee Maanu’eel Albaarees imbaasii bakka faaruun biyyaalessaa Ispeen itti taphatamutti dubbataniiru jechuun rippoortarri AFP gabaaseera.
“Alaabaa Ispeen ammas ol kaasuun abdii egeree Sooriyaa irratti qabnuu, waadaa egeree fooyya’aa ta’eef ummata Sooriyaaf dabarsuudha.”
Ministiroota dhimma alaa Faransaayii fi Jarmanii dabalatee qondaaltonni olaanoo Awurooppaa bulchitoota haaraa biyyattii waliin wal arguuf daawwannaa walduraa duubaan taasisaniiru jechuun Al Arabiyaan gabaaseera.

