• Mon. Mar 16th, 2026

Jaappaan ergama NATO Biraaselsitti eegalte

Jan 18, 2025

ONM-ABO Amajjii 17, 2025 

Jaappaan ergama NATO ishee Biraaselsitti eegalte jedha ibsi Ministeera Dhimma Alaa Jaappaan Kamisa darbe baase.

“Jaappaaniifi NATO’n michoota gatiiwwan bu’uuraa fi fedhii tarsiimoo qooddataniidha. 

Nageenyi Yuuroo-Atlaantiik fi Indoo-Paasifiik addaan hin baane ta’uun isaa daran ifa ta’aa waan dhufeef, waggoota dhiyoo asitti hariiroon Jaappaan fi NATO haala qabatamaa ta’een guddachaa dhufeera,” jedheera.

Ergamni kun Roobii darbe kan eegalame yoo ta’u, tumsa gama lameeniitiif kan oolu ta’a.

Ergama dippilomaasii Jaappaan Beeljiyeem keessa jirtu irraa walaba ta’ee kan socho’u ta’a.

Tookiyoon garuu yeroo dhiyoo asitti “NATO Eeshiyaa” ijaaruu akka hin barbaanne ibsiteetti.

Kan hubatamuu qabu, NATO’n waajjira isaa jalqabaa Eeshiyaa keessatti banuuf yaadaa akka jiru bara darbe gabaasni ba’ee ture, kunis Tookiyoo keessatti argamu danda’a jechuun BBC’n gabaaseera.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading