ONM-ABO Amajjii 18, 2025
Tarkaanfii jajjabeewwan WBO yeroo hundaa Oromiyaa keessatti irratti fudhatuun harcaatii hamaa isaan mudachaa jiru baraaramuu kan hin dandeenye faashistoonni murna Bilxiginnaa haleellaa WBO’n isaan irratti fudhatu haaloo ba’uuf jecha uummata meesha maleeyyii ajjeesuu, saamuu fi hidhuu jabeessanii jiru.
Amajjii 16, 2025 aanaa Heeban Arsii ganda Amba- Godaa Sadee jedhamtu keessatti lola WBO’n irratti baneen kasaaraa cimaan isaan mudachuun lola dhiisanii qe’ee uummataatti deebi’uun hawaasa nagaan isintu nu lolchiise jechuun namoota 2 kanneen maqaan isaanii Ukulaa Boonaa fi Shuumii Budee jedhaman rasaasa itti roobsuun yoo ajjeesan, Roobaa Baqataa, Qabaatoo Ashuree fi Boonsaa Ijaaroo namoota jedhaman jalaa ammoo mana jireenyaa qabeenyaa guutuu wajjin gubanii barbaadessanii jiraachuu jiraattonni naannichaa ONM’f eeran.
Kana malees godina Lixa Wallaggaa aanaa Noolee Kaabbaa ganda Asgorii keessatti hidhattoonni koloneel Abiy Ahimed Amajjii 15, 2025 dargaggoo egeree sabaaf abdii ta’e; Faaris Daggafaa kan jedhamu rasaasa itti roobsuun ajjesaanii gatanii biraa deemuun ibsameera.





