• Wed. Sep 16th, 2026

Tarkaanfii Cululuqaa WBOn Zoonii Lixaa, Zoonii Kibbaa, Harsadee fi Kibba Bahaa Fudhatan

Jan 18, 2025

ONM-ABO Amajjii 17, 2025

Irree fi gaachanni uummata Oromoo tarkaanfii guggubduu waraana faashistii PP gufuu Bilisummaa fi Walabummaa Oromoo fi Oromiyaa irratti goleewwan hundatti fudhatu jabeessuun injifannoo cululuqaa galmeessaa jira.

Haaluma kanaan jajjabeen zoonii Kibbaa ganama har’aa Amajjii 17 sa’atii 12:00n tarkaanfii akka bakakkaa Gujii Lixaa aanaa Abbayyaa ganda Dibichaa keessatti mooraa maafiyaa PP irratti taasiseen loltoota Abiy Ahimed 22 irraa ajjeesuun 10 madoon adabeera.
Gama meeshaatiin
AKM 12
Rasaasa AKM 1218
Rasaasa PKM 664
Hidhannoo 13
Jorooroo PKM 1
Gumbii fi boombii 1
Bilbiloota harkaa 5 waraana Abiy Ahimed irraa hiikuun dantaa qabsoo Bilisummaa Oromoof galii taasisee jira.

Abdiin saba Oromoo korommiiwwan WBO Zoonii Harsadee Itti Fufiinsa Duula Cichoomina Kaayyoon har’a Amajjii 17, 2025 ganama sa’atii 12:00 irraa jalqabuun Baha Shaggar aanaa Fantaallee ganda Faatee Leedii keessatti mooraatti itti seenuun waraana diinaa leenjii milishaatiif dargageessa walitti funaanaa turte irratti tarkaanfii jajjabduu fudhachuun olii fi gad ari’ee keessaa harcaasuun injifannoo boonsaa argatee jira.

Cabsineerra, balleessineerra, biyyaa ba’anii, harka kennatanii fi haamilee lolaa hin qabaniin duula ololaa qondaaltota waraanaa PP irraa oofuma hanga xurii qeensaatti kan hin lakkoofne gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo tarkaanfii duula waraanaa kanaan jecha isaanii deebisee arraabsiisa jira.

WBOn zoonii Kibba Bahaa irree jabina isaa loltoota PP irratti ol fudhachuu itti fufuun kaleessa galgala Amajjii 16 Cibraan Jaal Nadhii Gammadaa godina Arsii Bahaa aanaa Muunneessaa ganda Kallachaa keessatti waraana faashistii PP yeroo dheeraaf hawaasa nagaa hiraarsaa turte halkaniin mooraa isheetti itti cabsuun ergamtuuwwan sirna dulloomaa utubuuf jecha dhamaatu itti marsee rasaasaan akaa’ee baarudaan macheessuun loltoota PP 7 irraa ajjeesee 8 madeessuun loltuu tokko qawwee fi hidhannoo waliin booji’un injifannoo cululuqaa galmeessee jira.

WBO’n birgeedii Odaa Kaarraas guyyaa har’a Amajjii 17 godina Lixa Wallaggaa aanaa Boojjii Coqorsaa bulchiinsa magaalaa Fiigaa keessatti mooraa waraana faashistii PP haleeluun yoo buqqisu, humna birmannaa dhuftes rukutee of duuba deebisee jira.

Godinicha keessatti itti gaafatamaan komaandpoostii Bilxiginnaa Meejar Jeneraal Kumarraa Nagarii kan jedhamu tibba kana hawaasa aanaa Gullisoo humnaan walitti qabuun WBO cabsinee balleessineerraa fi kana booda Bilxiginnaa waliin socho’uu qabdu jechuun lallabaa fi doorsisaa turus dubbiin isaa guyyoota muraasa osoo hin turre aanaan Gimbii fi Gullisootti dhiyoo taate Boojjii Coqorsaa magaalaan ishee dhuunfatamuun barameera.

Lolli bilisummaa finiinee itti fufa ❗

Injifannoon Uummata Oromoof ❗

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading