• Tue. Nov 24th, 2026

Godina Jimmaa bulchiinsa magaalaa Jimmaatti gatii ibsaa daandii irraa ifuuf hawaasni akka kaffaluuf murtaa’ee jiraachuun ibsame

Jan 19, 2025

ONM-ABO Amajjii 18, 2025 

Murni Bilxiginnaa afaaniin “impaayerattii natu bulcha” jedhu akka afaaniin jedhu osoo hin taane faallaa isaa ta’ee argamuun, dinagdee impaayerattii yeroo ammaa kufee jiru dandamachiisuuf jecha gama danda’aniin hawaasa irratti saamicha geggeessan hammeessanii jiru.

Magaalaa Jimmaa guutummaa isaa keessaa ibsaa daandii irraa halkan ifaa bulu hunda lakkooftuu ibsaa hawaasaatti hidhanii gatiin ibsaa garmalee waan olka’eef baasii guddaaf saaxilamaa jiraachuu jiraattonni magaalichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan.

Lukkeeleen Bilxiginnaa “miidhagina magaalaa” maqaa jedhuun ibsaa akkuma fedhe ifaa bulu lakkooftuu ibsaa hawaasaatti hidhuun hawaasa gatii ibsaa sanaa kaffalchiisuun baasii dabalataaf saaxilanii kan jiranii fi baatii tokko keessatti qarshii hedduu saamamaa kan jiran ta’uun dabalataan ibsameera.

Leave a Reply