ONM-ABO Amajjii 19, 2025
Sirna PP gara jabummaan dhuunfatame jalatti uummata meesha maleeyyii qabanii hidhuun mana hidhaatii baasuun harka duubatti hidhanii ajjeesuun seeraawaa taasifame.
Ajjeechaa suukkanneessaan Battee Urgeessaa dabalatee raawwate kun bakkeewwan hedduutti itti fufuun, gochi dabaan loltoota Bilxiginnaan raawwatu kun Suur-sagaleen waraabamee miidiyaa hawwaasaan qoodamuu itti fufeera. Viidiyoon qoodame kun loltootni PP ilma namaa harka duubatti hidhanii afaan boollaa irra kaa’uun itti ga’isaa osoo rasaasa itti roobsanii agarsiisa.
Vidiyoo kana irraa loltoonni Bilxiginnaa uuffata Raayyaa Ittisa impaayerattii uffatan ni mul’atu. Gochi harka duubatti hidhanii ajjeesuu qaama “Koree Nageenyaa” jedhamuun Oromiyaa keessatti akka raawwatamu himama.
Miidiyaan addunyaa qorannaa isaa baatiilee darban keessa taasiseen Abbootii Gadaa Karrayyuu dabalatee ajjeechaawwan gara jabinaan raawwataman qindeessummaa Koree nageenyaan ta’uu caqasuun isaa ni yaadatama. Akka Rooyitars jedhutti Koree Nageenyaa kan hoogganu muumee Ministeera Itiyoophiyaa Abiy Ahmed yoo ta’u akka naannoo Oromiyaatti itti gaafatamummaa Shimallisa Abdiisaa jalatti yakki kun raawwata.
Ajjeechaan kun itti fufuun isaa ammas taanaan abdii biyyattii keessatti nageenyi ni dhufa jedhamu dhidhimsaa jira.
Gabaasa wal fakkaatuun hojjetaan mootummaa Moosisaa jedhamu, dhalootaan aanaa Saasiggaa ganda Haroo Guddinaa kan ta’e caasuma waraana Bilxiginnaan ajjeefamuun himame. Kunis ilaalcha jibbiinsaa sirnicha keessa jiruun kan raawwate ta’uu himame.
Gabaasaalee yeroo garaa garaa Arraata Biyyoolessaa Oromiyaa dhaqqaban irraa akka hubatamutti, Oromiyaan dirree waraanaa taatee itti fufteetti.


