• Sat. Mar 14th, 2026

Yaaddoo Fonqolcha mootummaaf caasaan Abiy Ahmed fi Shimallis wal dhabuun dawoo malaammaltummaan wal hidhaa jiru

Jan 21, 2025

ONM-ABO Amajjii 19, 2025 

Dinagdee Itiyoophiyaa akka Fincaan Gaalaa asii achi siquu dide, kan akka mana duullomeetti malaammaltummaan daakamaa jiruun wal qabsiisee kanneen hanna irratti bobba’an walii walii isaanii wal hidhaa akka jiran himame.

Ergamtoonni Bilxiginnaa kufaatii gama maraan impaayera Itiyoophiyaatti dhufe irratti hundaa’uun, waa’ee dantaa biyyaa dhiisanii hoggaa kan ofii qofa irratti xiyyeeffatanii fi faayidaa waliin argatan irratti illee walii galuu dhabuun yeroo addaa addaatti keessoo isaaniitti wal lolaa kan turan ammallee wal dhibdeen isaan gidduu hammaachaa jiraachuu barame. 

Qabeenyi impaayerattii sochii misoomaa danquu, hojiilee hawwaasaa tarkaanfachiisuun hafee waraanaaf ooluu cinatti namoota aanga’oo ta’aniin  saamicha hamaaf saaxilameera. Kana keessatti hoogganoonni PP kanneen aangoo olaanaa qaban saamicha qabeenya impaayerattii kanaan duroomuutu himama.

Aangaa’oonni murna PP olaanoon kan itti waamamni isaanii Piresidentii mootummaa naannoo Oromiyaa ta’e torban darbe keessa maallaqa Doolaara Ameriikaa Miliyoona dhibba tokko (100,000,000) saamanii osoo isaan dhoksaan gara maallaqa Itiyoophiyaatti jijjiiraa jiranii tikni Federaalaa isaan qabee maallaqa sana waliin hirachuun sobaan mana hidhaatti darbine jechaa jiraachuu maddeen amanamoo keessoo Bilxiginnaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.

Kanumaan wal qabatee, Abiy Ahimedii fi Shimallis Abdiisaa gidduutti wal dhibdee keessoo uumameen wal hunkuraa kan jiran yoo ta’u, sababa kanaanis Obbo Shimallis Abdiisaa sadarkaa Piresidentummaa irraa kaafamuurra ga’ee kan jiru ta’uu maddeen itti dabaluun ifoomsanii jiru.

Kun ta’ee osoo jiruu maddi wal dhibdee garuu sodaa Fonqolcha mootummaa irraa kan ka’e ta’uu odeessi bahaa jiru ni mul’isa. Caasaan Peresedaantii mootummaa naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa Abiy Ahimed irratti yaalii Fonqolchaa gochaa jiru odeessa jedhuun yakka malaammaltummaa dawoo jedhuun wal rukutaa jiru jedhame.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading