ONM-ABO Amajjii 20, 2025
Ministirri Dhimma Alaa Israa’el Geediyoon Saar Dilbata kaleessaa gareen hidhattoota Falasxiin Hamaas Gaazaa keessatti aangoo qabatanii yoo itti fufan Baha Giddu Galeessaa keessatti tasgabbii dhabuun akka itti fufu himaniiru.
Saar ibsa gaazexeessitootaaf kennaniin, ”Hamas aangoorra yoo ture tasgabbii dhabuun naannoo inni fidu itti fufuu mala,” jedhan.
Gaazaatti yeroo dhukaasni dhaabuun hojiirra oolaa jirutti haasawa kan taasisan Saar Israa’el dandeettii mootummaa fi waraanaa isheen dabalatee kaayyoo waraana Hamaas irratti geggeessite hunda galmaan ga’uuf kutannoo qabdi jedhan.
Hawaasni addunyaa dhukaasa dhaabbataa dhaabuu yoo barbaade, sana booda Hamaas akka humna waraanaa fi qaama Gaazaa bulchutti osoo hin taane diiguu qaba jedhe.
Sodaa ummanni Israa’el dhukaasa dhaabuun ni kufa jedhu gaafatamanii, gara dhukaasa dhaabuu marsaa lammaffaatti tarkaanfachuun galma waraanaa Israa’el irratti kan hundaa’e ta’uu cimsanii dubbatan.
”Hunda dura namoota booji’aman hunda hiikuuf waadaa seennee jirra,” jedhan. “Garuu ifaadha… marsaa jalqabaa irraa gara marsaa lammaffaatti ce’uun ofumaan akka hin taane.”
”Ofumaan gochuun fedhii Hamaas fi gaaffii Hamaas fudhachuudha. Kaayyoo galmaan gahuu qabnu qabna, sanas… amanamummaa gaariin ni mari’anna,” jechuun dabalaniiru, jechuun AFP’n gabaaseera.


